Exodus 27:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'eerinni naabo suni ha d'und'uma d'ibba toko tahuti, ballinni ha d'und'uma shantama tahuti, old'eerinnileeni ha d'und'uma shani tahuti. Golla isii ha woya booftatiini mid'aasaniti. Ammalle waan dongoraani ira eju ha sibiila diimani mid'aasaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dheerinni hulee itti gad bayanii ciqilee dhibbaa, badhinni ciqilee shantamaa haa ta'uu; ol dheerinni golgaa ciqilee shan, golgaanillee uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi miilli isaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dheerinni badhinna dalleya keessaa sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama te'uu ti; gollaa quncee talba'aa dansaa irraa hujame ka hojjaan isaa ciqilee shaniitii fi shafee meetii irraa hujamane qabu te'uu ti.