Exodus 27:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Moga isaa afraanu gaafa iti mid'aasi. Gaafa sunifi wonti mesa fakaata suni ha wolti ejituti, ammalle nafa isaa ch'ufa sibiila diimani duuchi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Roga arfanittuu gaafa godhiif; gaafni sunniinillee ka isaan wolitti hojjatame haa ta'uu; sibiila diima'aan uwwisi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafotii fi addeen ciinca'aa tokko akka te'anu roga isi'ii arfanuu irratti gaafota itti baasiitii, sageettuu itti gonfi.