Exodus 27:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eele daaraani fiila qabdu iti jiddufi bao, qori, hookofi daboola mid'aasi, miha kana ch'ufa sibiila diima iraa mid'aasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Xuwweewwan daaraa ibiddaa itti buusan, ka ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan, qadhabaawwan, girgiraawwan ibidda itti bobeessanillee hojjadhu; meeshaa sanniin maraa sibiila diimaa irraa hojjadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Okkotee daadhaa itti haranu, waan ibidda irratti bobeessanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, filaa foonii sageettuu irraa huji.