Exodus 28:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'akha suni haada gurmu ira baasani kaani lamaani ka woya aka korrbo mid'aasani taaniti ha hod'ani, aka gosa kud'ani lamaani Israeli yo ch'ufa qaabatani. Akanaani Harunini hojja ch'ufa maqa worraa gurmu ufiiti baate, hojja ch'ufa AABBO Waaqileeni worra ufii qaabatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhagaan lamaan kunniin yaadannoo ijoollee Israa'elii akka ta'u dhagaa gatii gudda'aa lamaan carqii ceekuu irraatiin akka wol qabatu goota; Aaroon maqaan isaanii yaadanno'oof akka ta'u gurmuu ufii lamaan irratti Rabbiin afo'otti baadhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaadannoo ijoollee Yaaqoobii akka te'u, dhakaa lamaan san, fannoo woyaa hayyumma'aa ta qomaa irratti qassiisi. Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara kolbaa tiyya akka yaadadhu, Aaron maqaa isaanii gurmuu ifii irratti ba'atuu ti.