Exodus 28:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woyaani worri mid'aasu male tana: ukha fulla qomati hod'ani, woya toko ta aka korrbo hid'atani, ubaara d'eera miila gahu, ubaara barreesani, sure, ammalle gurda. Miha kana ch'ufa worri ha oboleesa kanke Harunifi ilmaani isati mid'aasuti, aka worri qaalole tahe naa hojatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uffanni isaan hojjatanillee ka uffata qomaa qabu, qamisii babarruu gad diratan, Efuudii, Shinshinii, Shamisii, waan mata'atti maratanii fi ka sabbata hidhataniin qabu haa ta'uu; uffata seeraa kanniin akka gadoota naa ta'aniif obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee isaatii haa hojjatanii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woyaan isaan hujanu: kiisii qomaa, woyaa hayyumma'aa ta qomaa, qoloo, qoloo haga miilaa dheerattu, marata mata'aatii fi hiitu'u. Obboleessi keeti Aaronii fi ilmaan isaa hayyoota te'anee akka na tajaajilanu, woyaa woyyumma'aa isaaniif hujanuu ti.