Exodus 28:41 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woya tana Harunifi ilmaani isaati naqi, muudi, eebisi qulqulleesi, aka worri qaalole tahe naa hojatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanniin maraa Aaroonii fi ijoollee isaatitti uwwisi; gadumma'aan akka naa hojjatan dhadhaa ejersaatiin isaan muudda; gadoota isaan goota; isaan woyyoomsita;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woyaa tana obboleessa keeti Aaronii fi ilmaan isaatitti uffitteen duuba, isaan muudiitii hayyoota tolchi; hayyoota te'anee akka na tajaajilanu isaan woyyoonsi.