Exodus 28:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gurda mid'aaga toko, ka liilanuma kaaniini mid'aasani, woya aka korrbo suniini wolti hod'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Efuudii gubba'aan sabbata hidhataniin qabu ka ogumma'aan wolitti diddirame, ka biraallee ka gad diratan isaan woliin tokko haa ta'uu; ka worqii irraa hojjatame, bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi ka jirbii fooyame irraa hojjatame haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee, wolitti qassiifantee hujantuu ti.