Exodus 29:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba qali, d'iiga isaa hagiini fuud'i, nyaaba guraatifi quba hagicho, ka harka mirgatifi ka miila mirgichale, ka Harunitifi ka ilmaani isaaleeni qabiini. D'iiga hafe kaani fulla sorio iti qalani gama ch'ufati jijissi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hoolaa san qaltee dhiiga isaa fuutee qaccee gurra Aaroonii ka mirgaatii fi qaccee gurra ijoollee Aaroonii ka mirgaa, quba luka mirgaa abbuuddichaa fi quba harkaa isaanii abbuuddichaan tuxxa; dhiiga hafe hulee naannaya ciinca'aatitti facaafta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Korbeessa san qaliitii, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii, qaccee gurra Aaronii ka gara middaatii fi gurra ilmaan isaa ka gara middaa, quba isaanii abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaanii abguddicha ka miila middichaa dibi; ka hafe cinaa addee ciinca'aa arfanittuu fiffixi.