Exodus 29:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iiga waan mesa fakaata kaani gubba jiru, d'ad'a muudaa woliini fuud'i, Harunifi ilmaani isaa nafafi woya worraleeti fifit'i. Akanaani isaafi ilmaani isaatiifi woya worrale qulqulleesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhiiga hulee ciinca'aa jiruu fi dhadhaa irraallee diqqoo fuudhii uffata Aarooniitii fi uffata ijoollee isaa maraa irraati facaasi; inni, uffanni isaa, ijoolleen isaa, uffanni ijoollee isaallee isuma woliin woyyooman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhiiga addee ciinca'aa irraa diqqaa isaatii fi zayitii muudaa irraa diqqoo isi'ii fuudhiitii Aaronii fi woyaa isaatitti, ilmaan isaatii fi woyaa isaaniititti fiffixi. Achiin duuba Aaronii fi woyaan isaa, ilmaan isaatii fi woyaan isaanii hin woyyooman.