Exodus 29:25 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worra iraa fuud'i, waan mesa fakaata kaani irati gubi, waan qara gubani Waaqaa baasani kaani woliini. Isiini foole urgooftu ta gubani AABBO Waaqaa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka isaaniitii fuutee ciincaa ciincawu woliin Rabbiin afo'otti urgaa mishaa akka ta'u gubda; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba harka isaanii irraa fuudhiitii addee ciinca'aa irratti, kennansa gubamu woliin gubi. Kun kennansa ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.