Exodus 29:28 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana worri Israeli ha haga jiru ch'ufa Harunifi ilmaani isaati baasuti. Wonti akanatiifi isiini qooda sorio ta worri Israeli AABBO Waaqaa sorio wold'ageeti keesaa baasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin kiyya hennaa kennaa tokkumma'aa dhiyeessan handaraafa horii qalameetii fi luka duubaa Aaroonii fi ijoollee isaatiif gayee akka ta'u murteesseera; murtiinillee seera baraa haga bara baraa ta'a; kun kennaa baniin ana Rabbiif dhiyeessu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kennansa tokkumma'aa ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessaa, kun yennaa mara qooda Aaroniitii fi ilmaan isaa te'uu ti.