Exodus 29:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ha waan hojja worraa eebisani baasani kaani, ka waan suni worraafi Waaqa wolti araarsani nyaatuti. Ammo qaalole male nami d'ibiini tokoleeni inyaatini, wonti akanatiifi wonti sunini qulqullo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'anii fi waan araaraatiif ka isaanii ta'e kana irraa haa nyaatanii; namni biraa ammo akka hin nyaanne waan woyyoomeeruuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan kennansa yennaa isaan hayyuu te'anu gumaa cubbu'uutiif dhikaate san nyaatanuu ti; kennansi kun woyyuu waan te'eef, nami dhibiin hin nyaatin.