Exodus 29:41 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilme lameeso galgala qali, duuba ilme suni woliini, akuma diirama kaani, dargayefi d'ad'afi daad'i Waaqa baasi. Wonti kunini ch'ufti sagale gubani, ta foole dansa, ta AABBO Waaqaa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Korbeessa lammeesso'oo ammo galgala qalta; akkuma ka ganamaa kennaa nyaataatii fi dhuddo'oo gootee dhiyeessita; Rabbiif kennaa urgaawu ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Buruusoo korbeessa hoole'ee kaan akkuma buruusoo korbeessa hoole'ee ka qaraa kaanitti kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii woliin kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka foolee dansaa qabu, ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii, galgala dimimmisa ciincaa dhikeessi.