Exodus 29:46 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worrileeni imbeekha aka anini AABBO, Waaqa isaani, ka lafa Misiri keesa worra baase worra keesa tau. Anini AABBO, Waaqa worraati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka ani Rabbii Waaqa isaanii ta'ee isaan jidduu jiraadhee biyya Misiriitii isaan baase hin beekan; ani Rabbi Waaqa isaaniiti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Odduu isaanii jiraatiisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isaan baase ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii akka te'e hin beekan. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii ti.