Exodus 3:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Waaqi waan Musani jed'e, Dubbi tana worra Israeliti himi waan jettuuni, AABBO, Waaqa ababoota teesani, Waaqa Abrahamu, ka Isaaqo, ka Yakobo, ya gara keesani na erge. Haga jiru jireenna maqaani kiyya kana, maquma kanaani d'aloota ch'ufti na yaama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammallee Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi Waandhi Yaaqoobii gara keessan na erge; kun maqaa kiyya ka bara baraati; maqaa kanaan baraa haga bara baraa beekkama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi ammalle Muuse'een, «Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii teessanii, Waaqi Abrahaamii, Waaqi Yisihaqii, Waaqi Yaaqoobii gara keessan na ergeera› jedhi; kun maqaa kiyya ka bara baraa ti; dhalooti martinuu kanumaan na qaabatan.