Exodus 3:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini amma aka harka worra Misiri keesaa baasufi gadi bue, ammalle aka lafa suni keesaa baase lafa ballo dansa, ta aananifi dammi aka lolaa yau, lafa gosa Kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Parizi, ta Hivi, ta Yebusii geesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka worra biyya Misiriitii isaan baasee gara biyya aannanii fi damma baaftuu gara biyya badhoo michu'uu gara biyya Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewiyaanotaatitii fi gara biyya Iyyaabusootaa isin baasu'uuf gad bu'e;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani harka worra Gibxi'ii keessaa isaan baasee, gara lafa dansaa aananii fi dammaa gara lafa Kana'aanotaa, gara lafa Heetotaa, gara lafa Amoorotaa, gara lafa Pheriizotaa, gara lafa Hiiwotaatii fi Yibusootaa ol isaan fidiisaaf gad bu'eera.