Exodus 30:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko ganna keesa Harunini ha waan mesa fakaata kaani gaafa isaa afraanu d'iiga sorio dabaani ufi iraa baasani ibse, akasiini aada mesa suni guutu. Aada tana ha ganna ch'ufa haga jiru jireenna guutani. Mesaani kunini gara AABBO Waaqa waan guddo qulqullo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Aaroon woggaa keessa harka tokko gaaffan irratti waan araaraa godha; woggaa keessa harka tokko waan araara ijoollee teessaniitiif ta'u ciincaa dhiigaa ka cubbu'uu irratti godha; kun ka Rabbiif woyyoome.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aaron wogga'atti yennaa tokko, gumaa cubbu'uu gaafota isi'ii irratti tolchuu ti. Gumaan araara cubbu'uu ka wogga'atti tolfamu kun dhiiga araaraa cubbu'uu woliin dhaloota dhufu maraaf tolfamuu qaba. Gumaan kun ana Mootii Waan Maraatiif irra caalaa woyyicha» jedhe.