Exodus 30:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Beese tana worra Israeli iraa guuri, duuba Waaro Woyyuma tanaani jabeesi, huji isiitiini tolchi. Damoosi kunini ka lubbu ufiiti jed'ani baasani, anileeni aka worra qorqorad'u inqaabad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saqilii araara cubbu'uu ijoollee Israa'elii irraa fuutee tajaajila daasee wol gayi'iitiif goota; afoo Rabbiititti akka furama lubbuu keessanii isinii ta'u yaadannoo ijoollee Israa'elii haa ta'uu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Beesee gumaa cubbu'uu tana Israa'eloota irraa fuudhiitii tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aa irra oolchi. Lubbuu teessaniif gumaa cubbu'uu tolchiis kun isin Israa'elootaaf ana Mootii Waan Maraa duratti yaadannoo hin te'a» jedhe.