Exodus 31:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya Sabato qaabad'a, guyya oolma tolfad'a, wonti akanatiifi guyyaani kunini guyya qulqullo. Nama aada guyya suni balleese ha ijeesani. Ammalle nama guyya suni huji hojate ha gosa keesaa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Sambanni anaa fi isin jiddu'utti malkata waan ta'eef eegaa'a; namni sambata hin eenne maruu haa ajjeefamuu; ka guyyaa Sambataatiin hujii hojjatu maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan Sanbataa isiniif woyyuu waan te'eef, Sanbata eeggadha'a. Nami Sanbata eegatuu dhabe ijjeefamuu ti; guyyaa san nami hujii huju marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.