Exodus 31:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani suni akheekha haga jiru jireennati, ka jiddu tiyyafi worra Israeli jiru; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, guyya jaa keesati lafafi gubba uume, guyya torbeeso oole hafuura baafad'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan Rabbi Ardi'ii fi Samii guyyoota jahaa keessatti uumee guyyaa torbeesso'oo hujii ufii maraa irraa hara baafateef; anaa fi ijoollee Israa'elii jiddu'utti malkata waadaa baraa haga bara baraa haa ta'uu»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootiin Waan Maraa guyyaa jaa keessatti gubba'aa fi lafa dadee, guyyaa torbeesso'oo ammoo hujii irraa hafuura fudhadhee foorfadhe; guyyaan kun anaa fi Israa'eloota wodhakka'atti haga bara baraa beessisa hin te'a› jedhi» jedhe.