Exodus 31:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Waaqi gaara Sinai irati dubbi Musani jed'e ch'ufa buufate, inni d'akha hafalicha ka inni harka ufitiini seera irati t'aafe kaani iti kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi haga Muusee woliin gaara Siina'aa irratti waan dubbate raawwateen maayessa gabatee dhaga'aa ka raga'aa lamaan ka harka Rabbiitiin irratti barreeffame fuudhee kenneef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa irratti Muusee woliin dubbatee yennaa fixe, dhakaa baxxicha lamaan ka qubuma ifiitiin irratti barreesse san Muuse'etti kenne.