Exodus 32:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti aka Musani gaara gubbati ture argite jennaani Haruniti d'ufte waan jette, Nu waan Musa ka lafa Misiri keesaa nu baase qabate imbeennu; waaqoota nuuni deemtu nuu mid'aasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen gaara irraa uduu hin buune turraan baniin gara Aaroonii dacha'ee, «Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase maal akka ta'e waan hin beenneef ka'iitii waaqolee afoo keenna deeman nuu hojjadhu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan sun Muuseen gaara irraa gad bu'iisa dhabee akka ture yennaa dhaggite, Aaronitti dachaatee, «Muuseen nu sooressee biyya Gibxi'ii keessaa nu baase sun maan akka te'e hin beennu; tanaaf ka'iitii waaqota nuun dura deemanu nuu huji» jedhaneen.