Exodus 32:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini maalifi aka worri Misiri, Inni maafi worra Israeli lafa Misiri keesaa baase gaareeni jalati lafa iraa balleesa jed'u iti lakifte? Dallansu galfad'u, worra kanke kana lafa iraa imballeesini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri biyya Misirii ‹gaara jiddu'utti fixee lafa irraa isaan balleessu'uuf waan hama'aaf isaan baase› jedhanii maaf dubbatan? Lola irraa deebi'i; banii kee ka dhara hujee garaa laafi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Gibxi'ii, ‹Mootiin Waan Maraa duruuyyuu yaada hama'aaf, gaara irratti isaan ijjeesee, lafa irraa isaan balleessiisaaf, biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase› maaf jedhan ree? Ati aarii teeti ta bobeettu tana caffadhu; kolbaa teeti irralle'etti balaa hin buusin.