Exodus 32:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattu tante Abrahamufi Isaaqofi Yakobo qaabad'i, ammalle kakhu atini worrati kakhatte, ta atini, D'aloota keesani heddeese aka urji garaa waaqaa tolcha jette, ka ammalle atini d'aloota suni ch'ufa kakhatteefi lafa haga jiru jireenna isanii kenna jette, qaabad'i.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fiixaa keessan akka urjii Sami'ii baay'isa, lafa tanallee fiixaa teessan maraaf kenna; dhaala baraa haga bara baraa isaanii taati jettee akkuma ufiin isaanii kakatte, garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Israa'eliin qaabadhu» jedhee kadhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajiltoota teeti Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob ta maqaa keetiin isaaniif kakattee, ‹Sanyii teessan akka urjii ol gubba'aa hin baceessa; lafa isiniif waadaa gale tana mara sanyii teessaniif hin kenna; latti sun haga bara baraa lafa isaan dhaalanu hin teeti› jette san qaabadhu» jedhe.