Exodus 32:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma ollati gad'iaateeni, Musani biyya korma worqi ka mid'aasani kaani durati sirbitu arge jennaani aka hama dallane, gaara jalati d'akha harkaa qabu kaani lafaani d'ae lachu ch'a ch'abse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara safaraa hennaa dhiyaatu banii sirbuu fi waatii argee Muuseen aari'iin bobayee dhagaa baxxee waada'aa gaara jalatti caccabse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen gara addee quttumaatitti yennaa dhikaate, fakkii jabbi'iitii fi qeexala kolba'aa dhaggee, aaree bobe'ee, dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffameeru san harka ifii irraa qolaansee, gaara jalatti caccasse.