Exodus 32:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini, faaya worra ka worqi ch'ufaani koota jed'eeni, nami qabu ch'ufti guure natiini d'ufe. Anini duuba faaya kaani ibidati d'abbe jennaani jibichi kormaa kunini keesaa bahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee namni isin keessaa worqii qabu uf irraa ciree natti haa fiduu isaaniin jedhe; isaan natti fidan, anillee ibidda keessa buuse innillee waatii ta'e» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre ani, ‹Nami faaya worqi'ii qaddanu marti baafadha'a› jedhee itti hime; achiin duuba isaan worqii san natti kennanee, anille worqii san ibidda keessa buusee, worqiin sun fakkii jabbi'ii teetee baate» jedhe.