Exodus 32:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni qubele suni fuud'e basse tume, korma worqi mid'aase. Biyyiti Israeli waan woliini jette, Kunini waaqa keenna ka lafa Misiri keesaa nuu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee isaan irraa fuudhee ibidda keessatti bassee waatii hojjate; Innillee, «Israa'el! kunniin waaqolee kee ka biyya Misiriitii si baasan!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille worqii san harka isaaniitii fuudhee, meya fakkii ittiin hujatanu keessatti baqisiisee, bifa itti baasee, fakkii jabbi'ii worqii irraa huje. Achiin duuba, kolbaan, «Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana» jette.