Exodus 32:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worri yayu hurrise kara aada tiyya ta anini kenneefi iraa garagale worqi bassani tume jibicha mid'aase waaqa tolfate kad'ate sorio baaseefi waan woliini jed'e, Kuni waaqa keenna ka lafa Misiri keesaa nuu baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa ani isaan ajaje irraa dafanii goranii, fakii waati'ii ufiif hojjatanii sagadaniifii ciincaa dhiyeessaniif; Israa'el ‹kunniin waaqolee biyya Misiriitii isin baasan› jedhee dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan ani isaan ajaje irraa goranee, worqii baqisiifante irraa waaqa dharaa ka fakkii jabbi'ii ifiif hujatanee isi'iif sagadane; ciincaalle isi'iif dhikeessanee, ‹Ee Israa'el, waaqi keeti ka biyya Gibxi'ii keessaa si baase isa kana› jedhane.