Exodus 33:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beena, armaa yaa, sifi worri kunini ka atini lafa Misiri keesaa d'ufteeni; gara lafa anini Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi d'aloota worrati Inkenna jed'e kakhad'e d'aqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Gara lafa ani Abrahaam, Yisaaqi, Yaaqoobii fi fiixaa kee maraa hin kenna jedhee kakadhee gara biyya aannanii fi damma baaftu sanii banii biyya Misirii keessaa baafte woliin dhaqi; ati banii lum'a jabaatu waan taateef karaa irratti akka si hin balleessine maleekkaa kiyya si afoo erga; ani si jidduu hin lufu; maleekkaa kiyya ergee Kana'aanota, Amoorota, Keexota, Feerzota, Eewwotaa fi Iyyaabusoota si afo'oo ari'a»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Atii fi kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte, gara lafa ani, ‹Sanyii teetiif hin kenna› jedhee, Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kaku'uun waadaa gale sanii deema'a.