Exodus 33:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqafi Musani akuma jaallowaani lamaani woliini haasooftu woli dura ejaanjani woliini haasani. Duuba Musani kae ollati deebia, ka nami isa jala hojatu ka Yoshua ilma Nuni jed'ani Waaro keesati hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkuma namni goshoo ufii woliin qaaqutti Muusee woliin qaaqa'aa ture; hennaa Muuseen gara qe'e'ee deebi'u gargaaraan isaa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun daasee keessaa hin dhabamu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma nami nama dhibii woliin dubbatu, Mootiin Waan Maraa fuula duratti Muusee woliin dubbata; achiin duuba Muuseen gara addee quttumaa deebi'a; Iyaasuun ilmi Nunii dargaggeessichi isa qarqaaru sun ammoo dunkaanii lakkisee hin deemu.