Exodus 33:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Musani waan AABBO Waaqaani jed'e, D'uguma atini yayu, Worra kana lafa suniti geesi nani jette, ammo atini nama na wahelchu naa intolchine. Atini, Anini guddo si beekha, ammalle ya si maache naani jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseenillee Rabbiin akkana jedhe, «Kunoo ati banii kana asii baasi naan jetta; garuu ka na woliin ergitu na hin beessifne; ati maqaa keetiin si beekeera; na afo'ottillee gaachena argatteerta naan jette;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Kolbaa tana sooressi› jettee natti hinteerta; te'uu malee, nama na woliin ergitu natti hin hinne; ati, ‹Ani si beeka; na birattille fudhatama qadda› naan jetteerta.