Exodus 33:5 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Worra Israelitini, Isani worra mataa jajaba jed'i. Yo anini jiddu teesani seene, maruma toko isani hobaasa. Duuba amma tana faaya keesani baafad'a, aka anini waan isani tolchu malad'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin isin banii lum'a jabaatu; ani yoo isin jidduu lufe isin balleessa; amma waan isinii huju akka beettan uffata qandhafaa keessan uf irraa mulqaa'a; isaaniin jedhi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Ati Israa'elootaan, ‹Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, ani haguma diqqaalle isin woliin adoo deemu te'ee isin hin balleessa. Amma seesa adda addaa ifi irraa baafadha'a; ani waan isin godhu hin murteessa› jedhi» jedhe.