Exodus 33:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja worri Israeli qubate ch'ufa Musani Waaro Woyyuma fuud'e olla hanqise jaare. Waaro suni Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqaa jed'aniini. Duuba nami AABBO Waaqa wo gaafachu fed'e ch'ufti achi d'aqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen daasee fuudhee qe'ee irraa fageessee dhaabee «Daasee wol gayi'ii» jedhee maqaa itti baase; namni Rabbiin soqu maruu gara daasee wol gayi'ii ka qe'een alatti dhaabame sanii dhaqa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen Dunkaanii san fuudhee addee quttumaatiin ala irraa fageessee dhaabee, «Dunkaanii Woldeenna'aa» jedhee moggaase. Nami Mootii Waan Maraa wo gaafatuu barbaadu marti gara Dunkaanii Woldeenna'aa ta addee quttumaatiin ala jirtu san dhaqa.