Exodus 34:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqa waan Musani jed'e, Anini amma wold'aqisa worra Israeli woliini tolfad'a. Ammalle anini gumi tante durati waan mama ka ka durile ira jira lafa ch'ufa keesa yokhaani gosa ch'ufa durati tolcha. Ammalle gochiti d'ibiini ta d'aatu tante jirtuleeni waan nama bakhasa, ka anini AABBO Waaqi si tolchu kana inagarti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ani waadaa kiyya hin raawwadha; banii biyya lafaa maraa fi orma maraa biratti maalalee sirima ta'ee hin beenne banii kee maraa afo'otti taasisa; wonti ani si biratti godhu waan nama sodaachisu ta'eef baniin ati woliin jirtu kunniin maruu hujii Rabbii hin argan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani Gondooroo si woliin godhataara; kolbaa teeti mara duratti biyya lafaa irratti kolbaa lafa irra jirtu mara keessatti baasa tanaan qara te'ee hin beenne hin godha. Kolbaan ati odduu leetu, baasa ani Mootiin Waan Maraa sii godhu hin dhaggiti.