Exodus 34:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jila Qit'a bukho inqamne tolfad'i. Anini yayu siti hime, aka atini jia Abibu keesa guyya torba qit'a bukho inqamne nyaattu wonti akanatiifi jia suni keesa lafa Misiri keesaa baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ayyaana xorosho'oo hin eedda; ji'a Abiibii keessa biyya Misiriitii waan baateef bara ajajame akka ji'a Abiibii si ajajetti guyyaa torbaa xoroshoo nyaadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Jila daabboo uukoo hin qannee jilifadhu; ji'a Abiibii keessa biyya Gibxi'iitii waan baateef, akkuma ani si ajajetti guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadhu.