Exodus 34:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jila muransaa, ta gaafa mid'aani dargaye murani jabeesi, ammalle jila Hoosa ta gaafa ganni ch'aamu ka mid'aani tuulte galfattu jabeesi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Midhaan dura gaye hennaa galfattu torbaawwaniin maayessa ayyaanteffadhu; kun ayyaana hangafa midhaan haamtee galfattuuti; dhuma wogga'aatittillee hennaa midhaan galfattan ayyaanteffadhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Midhaan qamadi'ii ka matooma bilchaatu yennaa galfattu, jila torbaan torbaa jilifadhu; dhuma wogga'aa irralle'etti, jila midhaan galfatiisaa jilifadhu.