Exodus 34:29 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Musani gaara Sinai iraa gabue, ka d'akha lamaani Seera irati t'aafani kaani harkaa qabu, fuuli isaa imbibiliqa, waan isaafi AABBO Waaqi woliini hasaaniifi. Ammo inni aka fuuli isaa bibiliqu imbeekhu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen hennaa gaara Siina'aa irraa bu'u dhagaawwan baxxee raga'aa lamaan harkaa qaba ture. Muuseen hennaa gaara irraa bu'u waan Rabbi isa woliin dubbateef akka fuulli isaa ifa'aaru ufitti hin beenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee gaara irraa yennaa gad bu'e, inni Mootii Waan Maraa woliin dubbataa waan tureef, fuulli isaa akka ifiisatti jiru hin beenne.