Exodus 34:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini kakhu tiyya ta d'aloota kunki kunki jabeese ch'ubbufi hameenna worraa araaramafi; ammo anini d'aloota sadeesotiifi ka afreeso ka abbootini worraa daba tolchite ingaargalcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ka arjummaa ufii haga dhaloota kumaa eegu; ka yakka, balleessa'aa fi cubbuu namaa dhiisu; ka yakkamaa adabbii malee hin dhiifne, Waaqa cubbuu abbootaa haga dhaloota sadeesso'ootii fi arfeesso'oo ijoollee ijoollee isaanii irraan gawu» jedhee maqaa ufii labse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaalala kiyya ka bara baraa haga dhaloota kuma heddu'uutitti hin eegadha; hammeenna, finqilaa fi cubbuu hin araarama. Te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afuriititti, cubbuu abbooti'iitiif hin adaba» jedhe.