Exodus 36:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri huji suni hojatu, ka ch'ufa ira ogeeyi, Waaro Woyyuma mid'aase. Waaro suni woya boofta kud'ani ta liilana bulefi bule diimafi diimaleeni d'aahani mid'aasani, akheekha waan lubbu qaba ka koolatiini ch'okhani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri isaan bira jiran ka hujii ogumma'aan hojjatan maruu hulee bulti'ii golgaawwan kudhaniin hojjatan isaan maraa uffata jirbii fooyame ka bifa sami'ii, ka diimaa dhiilgee irraa hojjatame, waan kanniin irratti akka ogeessa misha'aatitti kiruubeeliin isaan irratti godhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namoota hujii Dunkaanii Woyyitti'ii san hujanu keessaa worri ogummaa qabu marti gollaa qoola kudhan: ka liilana quncee talba'aa dansaa, ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa wolitti fowamee dhowameen, ta fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, nama hujii harkaa beekuun, irratti hodhanteen Dunkaanii Woyyittii hujane.