Exodus 37:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan mesa fakaata ka hit'aana irati aarsani mukha d'adachatiini mid'aase. D'eerinni isaa d'und'uma toko, ballinnileeni d'und'uma toko, gami lachu haga takaa; ammalle old'eerinni d'und'uma lama; isaafi gaafa isaa afraanile woma taka iraa mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Girgiraa ciincaa hixaanaa itti aarsan muka ajo'oo irraa dheerinna ciqilee tokko, badhinna ciqilee tokko, ol fageenna ciqilee lama, ka badhinni isaa wol qixa ta'e hojjate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni addee ciinca'aa ta hixaana itti ciincessanu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee tokko, badhinni isi'ii ciqilee tokko, hojjaan isi'ii ciqilee lama te'ee, rogi arfanuu wol qixa. Roga arfanittuu gaafota itti baase