Exodus 38:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan mesa fakaata ka sorio irati gubani mukha d'adachatiini mid'aase. Gami isaa afraanu ch'ufti wolqit'e, d'eerinnafi ballinnileeni d'und'uma shani, old'eerinnileeni d'und'uma sadi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgi isaallee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjate; inni roga afur qaba; ol fageenni isaa ciqilee sadihi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bazaali'el addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu muka gololchaatiin ijaare. Dheerinni isi'ii ciqilee shan, badhinni isi'iille ciqilee shan, hojjaan isi'ii ciqilee sad.