Exodus 38:18 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Golla balbala naabo woya boofta ta liilana bulefi bule diimafi ammalle diimani barreesani d'aanini ch'okhani. D'eerinni isaa d'und'uma diddamaati, ballinni d'und'uma shani, ka golla naabotiini wolfakaatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Golgi hulee itti bayanii uffata mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, ka jirbii misha'aan irratti hojjatame, dheerinni isaa ciqilee diddama; ol fageenni isaa ciqilee shan; golgi hulee itti bayaniillee ciqilee shan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gollaan seensuma badhinna dalleya keessaa liilana quncee talba'aa dansaa ka bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'ee fi diimaa irraa nama hujii harkaa beekuun dhowame. Dheerinni isaa ciqilee diddama; akkuma gollaa badhinna dalleya keessaa hojjaan isaa ciqilee shan.