Exodus 38:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
duuba kalcho suni qube moga moga mesa suni jirtu keesa naqe, aka baataniini. Mesaani suni sanduqa mukhaani mid'aasani fakaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loosaa ittiin baadhataniin akka ittiin baadhatan laddaan qubee keessa loosee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka muka ajo'oo irraa hojjatame keessa isaa duwwaa godhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Danqaraa san addee ciinca'aa akka ittiin ba'atanu, qubeelee addee ciinca'aa cinaa gama lamaaniitiin jirtu san keessa galche. Inni addee ciinca'aa san boollessee falaxaa irraa huje.