Exodus 39:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri worqi baballo tume, duuba qaqallise ch'ire, aka liilana boofta bule, bule diima, diimale wolti fohe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
worqiillee tumanii akka baalaa haphisanii mummuran; akkuma hojjataan ogeessi hojjatutti uffata bulee, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame wolitti hodhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan worqii worri hujii harkaa beeku baqisiisanee hephelleessanee hujane akka liilanaa kukkutanee liilana bifa cuquliisaa, ka bifa dhiille'eetii fi diima'aatiin wolitti fowane.