Exodus 39:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gurda mid'aaga toko, ka liilanuma kaaniini mid'aasani, woya aka korrbo suniini wolti hod'ani, akuma AABBO Waaqi Musani jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka Rabbi Muusee ajajetti hujii kana fakkaatu worqii, uffata bulee, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame hojjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hiituun worra hujii harkaa beekuun hujante sun akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje, akkuma woyaa hayyumma'aa ta qomaa san worqi'iin, liilana bifa cuquliisaatiin, ka bifa dhiille'eetiin, ka bifa diima'aa ka quncee talba'aa dansa'aan wolitti fowantee hujantee, woyaa hayyumma'aa ta qomaa woliin tokko teetee wolitti qassiifante.