Exodus 4:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Musani waan jed'eeni, AABBO Waaqa, anini haguma d'alad'e ogeesa dubbii intaane; eegi atini naani dubbatele intaane. Anini nama hure wo jed'uniti, arabati na ulfaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Muuseen Rabbiin «Gooftaa kiyya, afaan kiyya hin cabaqa; arraba kiyyaanillee qajeelchee dubbadhee hin danda'u; kaleessaa fi dheengadda hennaa ati garbicha kee natti dubbatte irraa jalqabee afaaniin dubbadhee hin danda'u» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muuseen ammoo Mootii Waan Maraatiin, «Ee Goottaa kiyya, na hin ergin. Ani duruu nama gikkisu, arrab kiyyalle hin ulfaata; haga ati ana garbicha keeti woliin dubbii jalqadelle ani nama dandeettii dubbi'ii qabu ijjumaa hin teene» jedhe.