Exodus 4:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tana gula AABBO Waaqi Musati dallane waan jed'eeni, Harunini oboleesi kanke ka gosa Lawi arma injiru? Anini imbeekha, inni aka dansaa dubbi beekha. Inni kuno ka d'ufu kana; akuma si argeeni garaa keesa gammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'etti aaree «Namni gosa Leewwi'ii obboleessi kee Aaroon hin jiraa mii? Inni midhaassee akka dubbatu hin beeka; inni gara kee dhufa; hennaa argiteen inni garaa ufii keessatti hin gammada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'etti aaree bobe'ee, «Obboleessi keeti Aaron sanyiin Lewwi'ii hin jiraa motii? Inni akka dansaa akka dubbatu ani hin beeka. Kunoo inni gara keeti dhufiisaaf ammaayyuu karaa irra jira; inni yennaa si dhagge gadhaan isaa hin gammada.