Exodus 4:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo worri ammalle akheekha lamaani kana d'ugeefate dubbi tante d'agayu d'ibaate, galaana Misiri keesaa bisaani fuud'i, lafa godduti naqi. Duuba bisaani suni d'iiga tahani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo malkata kana lamaan amanuu baatan, jecha keellee yoo dhagawuu baatan lagaa bisaan woraabii lafa gogaa irratti jissi; bisaan lagaa woraabdee lafatti jissite sun dhiigatti jijjiirama» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bilbaasa kana lamaanuu yoo dhugeeffatuu dhabane, dubbii teetille yoo caqasuu didane, bisaan laga Nayilii woraabiitii lafa godduu irratti dhangalaas; bisaan ati lagaa woraadde sun lafa godduu irratti dhiiga hin te'a» jedhe.