Exodus 5:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Faraoni waan jed'e, AABBO Waaqi suni eenu kana, ka anini dubbi isaa d'agaye gosa Israeli gadi lakisu? Anini AABBO Waaqa keesani imbeekhu, ammalle worra Israeli gadi illakisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi, «Rabbiin ani ajaja isaa dhagayee Israa'eliin gad dhiisuuf kun eennu? ani Rabbiin hin beeku; Israa'eliinillee gad hin dhiisu» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Gibxi'ii deebisee, «Mootiin Waan Maraa ka ani isaaf ajajamee, Israa'eloota akka deemanu gad lakkisu kun eennu inni? Ani Mootii Waan Maraa san hin beeku; Israa'elootalle akka deemanu gad hin lakkisu» jedhe.