Exodus 6:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Amma waan anini Farao tolchu ingarta; inni irrumaani gosa Israeli lafa keesaa baasa, yokhaani irree jabduuni lafa ufii keesaa worra baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Muuse'een, «Irree kiyya jaba'aan banii kiyya gad isaan dhiisisiisa; mootichi Fari'oon irree kiyya jaba'aan mooyatamee gad isaan dhiisa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Waan ani mooticha Gibxi'ii godhu ati amma hin dhaggita. Ani irree tiyya jaddu'uun akka inni kolbaan tiyya gad lakkisu hin tolcha. Dhugumaan, ani irree tiyya jaddu'uun akka inni biyya ifii keessaa isaan oofu isa hin tolcha» jedhe.